Fana: At a Speed of Life!

Buufatni konkolaataa qindaa’aa magaalaa Roobee eebbifame

Finfinnee, Adooleessa 5, 2013 (FBC) – Buufatni konkolaataa qindaa’aa magaalaa Roobee eebbifameera.
Abbaan Tayitaa Geejjiba Oromiyaa,tajaajia geejjibaa ammayyaa’aa,si’ataa fi dhaqqabamaa taasisuu fi riifoormii geejjibaa lafa qabsiisuuf hojiilee ijaarsa buufata konkolaataa qindaa’aa 11 Birrii biiliyoona1.6 oliin magaalota Oromiyaa keessatti ijaarsisaa jira.
Kanneen keessaa proojektiin buufata qindaa’aa konkolaataa magaalaa Roobee birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 90 fi kuma dhibba 6 oliin ijaaramaa ture xumuramee har’a eebbifameera.
Buufatni konkolaataa qindaa’aan magaalaa Roobee paarkiingii konkolaataa si’a tokkotti konkolaattota 200 kan keessummeessuu danda’a jedhame.
Carraa hojii namoota kuma 2 oliif kan uumuu yoo ta’u, tajaajila biiroolee, galma waltajjii adda addaa,tajaajila baankii,teelee,kaafee, suuqii,tajaajila bakka dhaabbii konkolaataa,iddoo boqonnaa imaltootaa,suphaa konkolaataa,konkolaataa dhiquufaa ni laata jedhameera.
Eebbi proojektichaa bakka hoggantoonni mootumnaa olaanoon argamanitti raawwateera.
Itti aantuun Preezdaantii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaattii fi qindeessituun kilaastara magaalota Oromiyaa aadde Caaltuu Saniin proojektoota ijaaruun eebbaaf geessisuun rakkoo hawaasaa furuuf hojjenna jedhan.
Ijaaramuun buufata konkolaataa qindaa’aa faayidaalee gama dinagdeenii fi hawaasummaatiin qabu olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Kaffaaloo Shifarraatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.