Fana: At a Speed of Life!

Caffeen Oromiyaa hawaasa harka qalleeyyii 130f deeggarsa oomishaalee nyaataa taasise

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2012 (FBC) – Caffeen Oromiyaa hawaasa harka qalleeyyii 130f deeggarsa oomishaalee nyaataa taasise.
 
Caffichi deeggarsicha kan laate hawaasa harka qalleeyyii godina Shawaa Lixaa fi magaalaa Ambootifi.
 
Deeggarsichi namoota sababii weerara vaayrasii koroonaatin rakkoo hawaasummaaf saaxilamuu danda’an 130 ta’aniifi kan laatame.
 
Deeggarsichis bakka itti aantuun af-yaa’ii Caffee Oromiyaa aadde Maahbuubaa Adam argamanitti magaalaa fi godinaaf; magaalaa Ambootti kennameera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.