Fana: At a Speed of Life!

Carraa uumtoota xixiqqaarraa gara giddu galeessatti guddatan 377 beekkamtiin laatame

Finfinnee, Adoolessa 2, 2015 (FBC) – Carraa uumtoota xixiqqaarraa gara giddu galeessatti guddatan 377 fi ogeeyyii kenniinsa tajaajila giddu gala tokkoo 60 beekkamtiin laatameera.

Intarpiraayizoota namoota kuma 5 oliif carraa uumanii fi ogeeyyii kenniinsa tajaajila giddu gala tokkoon bu’aa qabeessa ta’aniif beekkamtiin kun laatamuu eerameera.

Beekkamtichi bakka Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin, Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kamiil, hoggantoonni garee Daldala Elektirooniksii Afrikaa argamanitti laatameera.

Yeroo ammaa sadarkaa biyyaalessaatti Intarpiraayizoonni miiliyoonni 2 gara hojiitti galuun diinagdee biyyaaf qooda isaanii gumaachaa jiraachuu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.