Fana: At a Speed of Life!

Carraan Baankii Daldala Ityoophiyaatti sharafadhaa, fudhadhaa, badhaafamaa jedhu ba’e

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) –Carraan marsaa 20ffaa Baankii Daldala Ityoophiyaatti sharafadhaa, fudhadhaa, badhaafamaa jedhu har’a galma lootarii biyyaalessaatti ba’e.
 
Carraa 1ffaan: konkolaataa manaa tokko
Carraa 2ffaa fi 3ffaan immoo konkolaattoota miila sadii ta’uun ba’eera.
 
Lakkoofsi carraa konkolaataa manaa 7834834 kan konkolaattoota abbaa miila sadii ykn baajajii 7823760 fi 7906474 ta’uun ba’eera.
 
Carraa kana keessatti maamiltoonni Doolaara 50 irraa eegalanii sharafatanii fi biyya alaatii karaa Baankii Daldala Ityoophiyaan maallaqni ergamaafi ture hundi hammatamaniiru.
 
Sagantaan kun Bitootessaa 15, 2012 hanga Fulbaana 20, 2013 kan ture ta’uu ragaan fuula baankichaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.