Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan dhiyeenya Taayiwaanitti shaakala loltummaa gaggeessuu gabaafame

Amajjii 1, 2015(FBC)- Chaayinaan dhiyeenya Taayiwaanitti shaakala loltummaa dabalataa gaggeessuu beeksiste.

Beejiing yeroo baatii tokko hin guunne keessatti kan ammaa dabalatee dhiyeenya Taayiwaanitti shaakala loltummaa lama gaggeessuu gabaafameera.

Shaakkalli loltummaa kunneen dandeettii humna qilleensarraa, lafarraafi galaanarraa biyyattii sakatta’uuf taasifaman ta’uu Dubbii Himaan Ajaja Lixaa Raayyaa Ittisa biyyattii Koloneel Shii Yuun dubbataniiru.

Waajjirri Pireezidaantii Taayiwaan gamasaan, gochichi kan bu’uura hin qabne jechuun qeequu Aljeezraan gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.