Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan giddugala ittisaa fi to’anno dhibee Afrikaa Finfinneetti ijaaruufi

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2012 (FBC) – Chaayinaan xumura bara Faranjootaa 2020tti giddugala ittisaa fi to’annoo dhibee Afrikaa Finfinneetti ijaaruuf akka ta’e ibsame.
 
Giddugalli kun mooraa galma walga’ii Gamtaa Afrikaa keessatti kan ijaarramu yoo ta’u, ijaarsa isaaf Doolaara miiliyoona 80 ramaddee jirti jedhame.
 
Dhibeen daddarboo fi daddarboo hin taane lammiilee Afrikaa hedduu miidhaa jira jedhameera.
 
Haalli nageenyaa, hanqinni waliin ga’iinsa yaala fayyaa, rakkoon siyyaasaa fi kanneen biroo ida’amuun dhibee dursanii ittisurratti qormaata ta’aa jiraachutu ibsame.
 
Dhibeen busaa, HIV, koleeraa, iboolaa fi kanneen biroo lubbuu lammiilee ardichaa hedduu galaafachuu ibsameera.
 
Keessattuu biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadi jiran keessatti giddugalli ittisaa fi to’annoo dhibee cimaa ta’ee dhabamuu fi hanqinni hubannoo bal’inaan jiraachuun dhibicha to’achuuf gufuu ta’ee jira jedhame.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.