Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan hojiilee Koomishiniin Haaromsa Biyyaalessaa hojjetu akka deeggartu ibsite

Finfinnee, Ebla 10, 2016 (FBC)- Chaayinaan hojiilee Koomiishiniin Haaromsa Biyyaalessaa hojjetu deeggaruuf qophii ta’uu ibsite.

Koomishinarri Koomishinii Haaromsa Biyyaalessaa Tamasgeen Xilaahuun Itiyoophiyaatti Kaawunsilara Diinagdee Embaasii Chaayinaa Dooktar Yaangi waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Koomishinar Tamasgeen ergama koomiishinichaaf kenname bahachuuf hojiilee ijoo gaggeessaa jiruu fi gufuulee mudatanirratti ibsa kennaniiru.

Koomishinichi hojiileen karoorfaman qabeenya olaanaa, qindoominaa fi walta’iinsa olaanaa kan gaafatu ta’uu eeruun, milkaa’ina sagantichaaf mootummaan deeggarsa akka taasisu gaafataniiru.

Dooktar Yaangi gama isaaniin, mootummaan Chaayinaa hojiilee misoomaa fi nageenyaa damee hedduu gaggeessaa jirtuuf hirmaannaa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Fuuldurattis, koomishinichi hidhattoota duraanii deebisanii dandamachiisuuf hojiilee gaggeeffamaa jiran yeroo qabameef keessatti milkeessuuf Chaayinaan deeggarsa taasistu cimsitee kan itti fuftu ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.