Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaatti gabaan Buna Ityoophiyaa guddata jira jedhame

Finfinnee, Adoolessa 5, 2015 (FBC) – Chaayinaatti fedhiin Buna Ityoophiyaa bituu dabalaa dhufuu ibsameera.

Biyyattiitti lakkoofsi namoota Buna Ityoophiyaa filatanii bitanii fi dhuganii daraan dabalaa jiraachuu Shiiniwaan gabaaseera.

Waggoottaan darban Chaayinaatti fedhiin barbaacha Buna Ityoophiyaa dabaluun ergitoota Buna Ityoophiyaatti hamilee horuu fi galii sharafa alaa dabaluu eerameera.

Hammi fayyadama Bunaa Chaayinaa waggoottaan kurnan darban % 15 dabaluu ragaan Gabaa Bunaa Idil addunyaarraa argame ni muul’isa.

Dargaggoonni Chaayina Shaayii dhugaatii Aadaa taasisuun fayyadamaa turan amma gara Bunaatti jijjiiramaa jiraachuu eerameera.

Ityoophiyaan bara baajataa 2019/2020 Buna Toonii kuma 4 fi 200 Chaayinaatti ergaa turte Bara Faranjootaa 2022tti gara Toonii kuma 11 fi 200tti ol guddachuu ibsameera.

Bara 2022 – 23tti Buna gabaa Alaaf ergamerraa galiin Doolaarri biliyoonni 1.1 argamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shayii Ityoophiyaa beeksiiseera.

Yeroo eerame kana keessatti Chaayinaan Buna Ityoophiyaa bituun sadarkaa 7ffarratti argamti.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.