Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaatti kirkira lafaa mudateen lubbuun namoota 100 darbe

Finfinnee, Mudde 8, 2016 (FBC) –Kaabaa Chaayinaatti Kirkiraa lafa mudateen lubbuun namoota 100 ol darbuu fi namoonni 220 ol ammoo miidhaa qaamaaf saaxilamuu ibsameera.

Kirkirri lafaa Reektaar iskeelii 6.2 galma’ee kaleesaa galgalaa kutaa bulchiinsa Gaansu fi Kiingaayitti mudachuu Aangoonni Chaayinaa ibsaniiru.

Lubbuu barartoonni hedduun lubbuu namootaa baraaruuf yaalii taasiisaa jiraachuun ibsameera.

Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiin Piingi nannawaa Gaansutti hojiin lubbuu baraaruu guutuumman akka hojjetamuu Ajaja dabarsuu BBC’n gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.