Fana: At a Speed of Life!

Daa’imman afur balaa xiyyaaraa irraa hafuun guyyoota 40 bosona Amaazoon keessa turan lubbuun argaman

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2015 (FBC)- Balaa xiyyaaraa Kolombiyaa irraa hafuun guyyota 40’f bosona Amaazoon keessa kan turan daa’imman afur lubbuun argamuun gabaafame.

Daa’imman kunneen bara Faranjootaa baatii Caamsaa gara jalqabaa haadha isaanii waliin Magaalaa Araaraakuwaaraa irraa gara Saan Hosee Deel Guwaviyaritti imalarraa utuu jiranii, sababa mootarri rakkoo uummateef xiyaariittiin bosona Amaazoon keessatti kufuun eerameera.

Sababa Balichaan haatii daa’immanii fi balaliistonni lama lubbuun isaanii darbuu Raayyaa Ittisaa Kolombiyaa wabeeffachuun BBC’n gabaaseera.

Daa’imman lubbuun hafaan barbaacha guyyoota 40 booda lubbuun kan argaman yoo ta’u, wal’aansa akka argataniif gara Magaalaa Boogootaatti geeffamaniiru.

Daa’immaan kunneen jiraattota hawaasa naannawaa bosonichaa “Huytotoo” jedhamnii ta’uun kan eerame yoo ta’u, kunis haala jireenyaa bosonichaa fi soorataa firii mukaa waan beekaniif lubbuun akka turan taasisuu hinoollee jedhameera.

Pireezidaantiin Kolombiyaa Gustaavoo Peetiroo daa’immaan kunneen lubbuun argamuu booda ergaa dabarsaniin, “Daa’immaan kunneen lubbuun argamuun kan nama ajaa’ibuudha. Seenaa keessatti kan leellifaman, fakkeenya gootummaa fi jabinaati” jedhaniiru.

Bakki daa’immaan kunneen argaman Bosonni Amaazoon, bineeyyii balaafamoo kan keessa jiratan yoo ta’u, keessumaa Qeerramas, Jawwee fi Bofa summii hamaa qabaniin kan guutameedha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.