Fana: At a Speed of Life!

Daa’imman lama haala suukanneessan kan ajjeeste yakkamtuudha jedhamte

Finfinnee, Sadaasa 13, 2015 (FBC) – Daa’imman lama haala suukanneessaan lubbuun isaanii akka darbu kan taasifte Hiiwoot Mokonnin yakkamtuudha jedhamte.

Finfinnee Kutaa Lammii Kuraatti hojjettuun manaa sababaa hinbeekamneen daa’imman lamaa haala suukanneessaan ajjeessuun kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan yakkicha kan raawwattee Hiiwoot Mokonniin irratti himannaan yakka ajjeechaa kan banamee yoo ta’u, himatamtuun ‘yakkichaa hinraawwanne’ jechuun waakkattus, Abbaan Alangaa ragaa namootaa torbaa dhiyeesserratti, dhaddachi qorachuun dhimmicharratti murtee kennuuf beellamnii Sadaasaa 13, 2015tti kennamee ture.

Guyyaa har’aas Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti Dhaddachi 1ffaa Yakkootaa Ajjeechaa fi Yakkootaa Cimaa himatamtuun himannaa irratti baname akka faccistu murtee kennus, raga ittisaa waan hinqabu jetteef manni murtichaa himannaa abbaa alangaan banamee ragaan waan mirkaneesseef himatamtuun yakkamtuudha jedheera.

Manni murtichaas murtee adabbii kennuuf Sadaasa 26, 2015’tti beellameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.