Fana: At a Speed of Life!

Daandichi addunyaarraa daandii qilleensaa filatamaa Afrikaa fi Eeshiyaa walquunnamsiisu ta’uun eerame

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2014 (FBC) –Daandiin qilleensaa Ityoophiyaa daandiilee idil addunyaa jiran keessaa daandii filatamaa adda duree Afrikaa fi Eeshiyaa walquunnamsiisu ta’uun eerame.

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa baatii Hagayyaa keessa biyyota Giddigalaa Bahaa dabalatee biyyoota Eeshiyaa 13tti balalii eegaluuf ta’uun eerameera.

Daandichi Hindii Magaalaa Cheenaayitti tajaajila fe’umsaa kennaa turuun kan eerame yoo ta’u, baatii Adoolessaa dhufurraa eegalee, tajaajila geejiba imaltootaa akka eegalu jams person simple flying irraa ragaan argamee ni mul’isa.

Daandiin qilleensichaa baatii walfakkaataa balalii gara Jaakaartaatti akka eegaluu ibsameera.

Bara faranjootaa 2019 Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa daandiilee idil addunyaa jiran keessaa daandii filatamaa adda duree Ardii Afrika fi Eeshiyaa walquunnamsiisuu ta’uun eerameera.

Ragaan imaltoota miiliyoona saddeet irraa walitti qabamee daandii qilleensichaa filmaata jalqabaa godhachuu eeruu isaanii himameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.