Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa balallii kallattii gara Kaaraanchiitti taasisu eegale

Finfinnee, Eebla 30, 2015(FBC)- Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa balallii kallattii gara Paakistaan magaalaa Kaaraanchiitti taasisu eegale.

Sagantaan jalqabsiisa balallii kun guyyaa har’aa gaggeeffameera.

Balalliin daandiin qilleensichaa kun hariiroo daldalaafi invastimantii biyyoota lameenii ni cimsa jedhame.

Dabalataanis walitti hidhamiinsa diinagdee biyyoota lameenii guddisuun hariiroo uummataa biyyoota lameenii cimsuu keessatti gahee kan qabu ta’uu ibsameera.

Balallichi hanga ballii daandiin qilleensichaa gara Eeshiyaatti taasisu gara 37’tti kan guddisu eerameera.

Qiddist Birhaanuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.