Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensichaa kenniinsa tajaajila fe’umsaa faalama irraa bilisa ta’e kennuun badhaafamaa ta’e

Finfinnee, Caamsaa 19 ,2015 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa badhaasa kenniinsa tajaajila fe’umsaa faalamarraa bilisaa kennuun daandii qilleensaa Afrikaa filatamaa ta’uun badhaafame.

Daandiin qilleensichaa sagalee dhaabbiileen idil addunyaa damicharratti bobba’an, tajaajilamtoonniifi fillattoonni Turki Magaalaa Istaanbuulitti kennaniin injifachuu eerameera.

Daandiin qilleensichaa kenniinsa tajaajila fe’umsaan dursaa ta’ee filatamuusaatti gammaduu ibseera.

Yeroo itti aanuttis gahee dursummaa gama tajaajila fe’umsaan qabuufi tajaajila bu’aa qabeessa maamiltoota isaaf kennu kan itti fufu ta’uu ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.