Fana: At a Speed of Life!

Daandiin xiyyaara Ityoophiyaa vaayrasi koroonaa ittisuuf xiyyaaroota hojii keemikaalaan qulqulleessu hojjechaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Daandiin xiyyaara Ityoophiyaa vaayrasi koroonaa ittisuuf xiyyaaroota hojii keemikaalaan qulqulleessu hojjechaa jira.

Daandiin xiyyaara Ityoophiyaa vaayrasi koroonaa ittisuuf ofeeggannoon dursaa olaanaan taasisu tokko, xiyaaroota Chaayinaa fi biyyoota vaayrachi keessatti muldhatanirra dhufa hojii keemikaalaan qulqulleesu ta’uu beeksiseera.

Dabalataniis daandiin qilleensa Ityoophiyaa meeshaalee yaalaa vaayrasi koroonaa ittisuuf oolaan gara Ityoophiyaa galchuu isaa ibseera.

Daandiin qilleensa Ityoophiyaa imaltoota qorannaadhan sakatta’uudhan gara biyyaa galchuu fi hordoffii taasisu ibsuun isaa ni yaadatama.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.