Fana: At a Speed of Life!

Daballiin gatii fi Qaala’iinsi jireenyaa qormaata ijoo diinagdee Goorooti – Ministeera Pilaanii fi Misoomaa

Finfinnee, Caamsaa 9, 2015 (FBC) – Daballiin gatii fi Qaala’iinsi jireenyaa qormaata ijoo diinagdee Gooroo ta’uu adda ba’uun xiyyeeffannoon akka irratti hojjetamu kallattiin kaa’amuu Ministeerri Pilaanii fi Misoomaa ibse.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii Idilee 19ffaa har’a gaggeesseen raawwii hojii baatiwwan salgan darbanii Ministeera Pilaanii fi Misoomaa gaamaaggameera.

Diinagdeen biyyattii waggoottan sadan darban dhiibbaa keessaa fi alaa dandamachuun guddachaa jiraachuu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan ibsaniiru.

Bara baajataa 2015 keessa akka biyyaatti guddina diinagdee % 7.5 galmeessuuf karoorri qabame milkaa’aa jiraachuu agarsiiftuwwan jiraachuu kaasaniiru.

Daballiin gatii fi Qaala’iinsi jireenyaa qormaata ijoo diinagdee Gooroo ta’uu adda ba’uun xiyyeeffannoon akka irratti hojjetamu kallattiin kaa’amuu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.