Fana: At a Speed of Life!

Daldala Alaa Ityoophiyaa guddisuuf hariiroo daldalaa biyyattiin biyyoota ollaa waliin qabdu cimsuuf hojjetamaa jira – MDWHN

Finfinnee, Amajjii 22, 2015 (FBC) – Daldala Alaa Ityoophiyaa guddisuuf hariiroo daldalaa biyyattiin biyyoota ollaa waliin qabdu cimsuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksiise.

Daldalli kuduraa fi Muduraa, akkasumas oomishaalee midhaan dheedhiin biyyoota ollaa waliin taasiifamu hariiroo daldalaa caalmaatti guddisaa jiraachuu Ministeerichatti Hojii Raawwachiisaan tumsa Idil addunyaa fi naannawaa Muusee Mindaayeen ibsaniiru.

Hariiroon Daldalaa Ityoophiyaan biyyoota Eeshiyaa waliin qabdus % 45 irra ga’uu kaasaniiru.

Awurooppaa fi biyyoonni Afrikaa bakka ga’umsa oomishaalee Ityoophiyaa ta’uu isaanii himaniiru.

Ityoophiyaan carraa Agoowaa keessaa haqamtus, biyyoonni Awurooppaa fi Chaayinaan Oomishaaleen Ityoophiyaa qaraxarraa bilisaan akka galan eeyyamuun isaanii carraa biroo ta’uu ibsaniiru.

Carraa kanatti fayyadamuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.