Fana: At a Speed of Life!

Daldaltoota dorgommii daldalaa hinmalle raawwatan adabbiin Birrii miiliyoona 10.4 darbe

Finfinnee, Bitootessa 11, 2016 (FBC)- Daldaltoota dorgommii daldalaa hinmalle raawwatan irratti adabbiin Birrii miiliyoona 10.4 darbuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Ministeerichi baatiiwwan 6’n darbanitti mallattoo daldalaa daldaltoota biroo karaa dogoggorsaa ta’een fayyadamuun, akkasumas daldaltoota morkattootaaf odeeffannoo waldhahaa tamsaasuun faayidaa daldaltootaa dorgomtootaarraan miidhaa geessisanirratti adabbichi darbuun eerameera.

Haaluma kanaan daldaltoota lama irratti Birrii miiliyoona 10.4 akka kaffalan murtaa’uu Itti Gaafatamaan Deskii Ittisa Sarbama Seeraa fi Farraa Dorgommii Obbo Geetinnat Ashannaafii dubbataniiru.

Haaluma walfakkaatuun hanqina meeshaalee daldala Birrii kuma 739’tti tilmaammanii ilaalchisee komii shamattootaarraa dhiyaateen shamattootaa maallaqani kaffalan akka deebi’uuf gaafataniif deebifamuu ibsaniiru.

Akksumas meeshalee daldalaa hanqina qaban meeshaa daldalaa sirriin akka bakka buufamu shamattoota gaafataniif fedhii isaanii bu’uureffachuun akka jijjiiramuuf taasifamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Hawaasni sarbamni mirga shanattootaa wayiita bittaa fi gurgurtaa raawwatu Qaama to’annoo fi hordoffii daldalaa dhiyeenyatti argamuuf eeruu akka kennuu waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.