Fana: At a Speed of Life!

Dameen anniisaa guddichi Yuunayitiid Steet haakarootaan hatame

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC) -Dameen anniisaa guddichi Yuunayitiid Steet haakarootaan hatame

Jaarmiyaalee Yuunayitiid Steet gurguddoo tibbana haakarootaan hataman keessaa dameen anniisaa isa tokkodha.

Dameen anniisaa guddichi kun hatamuun yakka haakaroonni jaarmiyaalee Yuunayitiid Steet irratti raawwatan keessaa isa hammaataadha jedhameera.

Dameen anniisaa kunis gabbisa niwukilaraa Yuunayitiid Steet adda durummaan kan hoogganuudha.

Garuu haakaroonni kunneen hojii oomisha meeshaalee waraanaa keessa harka hin galfanne jedhe dameen kun.

Haakaroonni kunneen ammaaf damee biizinasii dhaabbatichaarratti xiyyeeffatan malee siistama meeshaalee waraanaa keessa hin seenne jedhe.

Jaarmiyaan teeknooloojii guddichi ‘Microsoft’ gamasaatiin mosaajii(software) haakarootaan akeekame siistama isaa keessatti arguu ibseera.

Namoonni hedduun duula haakarootaa kana duuba Raashiyaan akka jirtu himu, isheen garuu himannaa kana haalteetti.

Jaarmiyaaleen Maallaqaa fi Daldalaa Yuunayitiid Steet kanneen xiyeeffannoo haakarootaa ta’aniidha.

Dilbata darbe dameewwan kunneen haakarootaa butamuu qondaaltonni Yuunayitiid Steet himanii turan.

Preezdaant Doonaald Tiraamp hanga yoonaa dhimma kanarratti yaada hin kennine.

Preezdaantiin haaraa filataman Joo Baayidan gamasaaniin dhimma nageenyummaa saayibariif xiyyeeffannaa guddaa kennanii akka hojjetan ibsaniiru.

Maddi:- BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.