Fana: At a Speed of Life!

Dameewwan Daldalaa Invastimantii alaaf dhorkamanii turan eeyyamamuufi jedhame

Finfinnee, Ebla 10, 2016 (FBC) – Hojiin Daldalaa Waggootaaf Invastimantii alaaf cufamanii turan eeyyamamuuf ta’uu ibsameera.
Hojiin Daldala Alaa, Jumlaa fi qinxaaboo Invastimantii alaaf dhorkamanii turan eeyyamamuuf ta’uu Komishiniin Invastimanii Itiyoophiyaa fi Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa ibsan.
Komishiniin Invastimantii fi Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamaniinsa Naannawaa dhimmicha ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Waggoottaniif Invastimantii Alaaf cufamee kan ture Dameen hojii daldala Alaa, Jumlaa fi Qinxaaboo eeyyamamuuf ta’uu dhaabbileen lameen himaniiru.
Faayidaa biyyaa fi ummataa mirkaneessuuf dameewwan cufamanii turan kanneen banaa taasiisuun barbaachisaa ta’uu Komishinarri Komishinii Invastimanitii Itiyoophiyaa Haanna Aaraya Sillaaseen ibsaniiru.
Haaluma kanaan abbootiin qabeenyaa biyyoota alaa Hojii daldala Buna Dheedhii, Midhaan Zayitaa, Jimaa, Midhaan Dheedhii, Qal’oo, Lukkuu fi Horii gaanfaa alatti erguurratti hirmaachuu kan danda’an ta’uu eeraniiru.
Damee Daldalaa abbootii qabeenyaa alaaf banaa taasiisuun sirna daldalaa Ammayyeessuu, Shamattootaaf gatii hir’isuu fi Diinagdee biyya keessaa guddisuuf qooda olaanaa qabaachuu dubbataniiru.
Saamu’eel Warqaayehuu fi Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.