Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoo meeshaa garagaraatti fayyadamuun baajaajii humna elektiriikiin socho’u hojjete

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2012 (FBC) – Dargaggoon nannoo Amaaraa godina Awwii aanaa Jaawwii jiraatu meeshaa garagaraatti fayyadamuun konkolaataa abbaa miila sadii (baajaajii) humna elektiriikiin socho’u hojjeteera.

Dargaggoon Mahaammad Huseen jedhamu meehsaalee faayidaarra oolanitti fayyadamuun meeshaa waraanaa Kilaashii hojjechuun isaa ibsameera.

Kanumarraa ka’uun konkolaataa abbaa miila sadii (baajaajii) humna elektiriikiin socho’u hojjechuu danda’eera.

Dargaggoon kun baajaajii kana hojjetee xumuruuf Birrii kuma 20 baasii akka baase waajjirri koominikeeshinii aanaa Jaawwii beeksiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.