Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni Godina Wallagga Lixaa qaamolee nageenyaa waliin ta’uun shira Shanee ni fashaleessina jedhan

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2014 (FBC) – Dargaggoonni Godina Wallagga Lixaa qaamolee nageenyaa waliin ta’uun shira garee shororkeessaa Shanee fi garee farreen nageenyaa biroo kan fashaleessan ta’uu ibsan.

Waltajjiin marii dargaggootaa mata duree “ Dargaggoota Sababaawoo” jedhuun magaalaa Gimbiitti gaggeeffameera.

Dargaggoonni maricharratti hirmaatan shira diinaa lammiileerratti miidhaa geessisaa jiru qolachuuf kan hojjetan ta’uu eeraniiru.

Dargaggoon hundi nageenya naannoo isaa eeguurra darbee qaamolee nageenyaa mootummaa cina hiriiruun gocha badii garee shororkeessaa Shanee fi gareewwan biroo qolachuu akka qabu ibsaniiru.

Ba’anii galuu fi hojjetanii jijjiiramuun kan danda’amu nageenyi lammiilee yoo mirkanaa’e ta’uu fi hundi nageenyaaf dhaabbachuu akka qabu kaasaniiru.

Nageenyaa fi guddina biyyaa itti fufsiisuuf ga’ee isaanii kan ba’atan ta’uu dubbataniiru.

Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Obbo Taliilaa Tarrafaan, gareen jijjiiramichi hin liqimfamneef Ityoophiyaa diiguuf yaaliin isaan hin taasifne kan hin jirre ta’uu ibsaniiru.

Abbaa jijjiiramichaa kan ta’e dargaggoonni tokkummaa isaa cimsuun shira garee biyya diiguu barbaadanii fashaleessuun nageenyaa fi misooma cimsee itti fufsiisuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Fayyadamummaa gama maraa dargaggootaa mirkaneessuuf mootummaan tarsiimoo addaa addaa bocuun hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Ajjeechaa lammiilee nagaa godinicha aanaa Toleetti garee shororkeessaa Shaneen raawwatame kan balaaleffatan ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.