Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni leenjii bu’uuraa fudhatan eebbifamaa jiru

Finfinnee, Fulbaana 13, 2014 (FBC) – Nageenyaa fi tasgabbii magaalaa Finfinnee eeguuf dargaggoonni leenjii bu’uuraa fudhatan kumni 27 fi 540 Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti eebbifamaa jiru.
‘Ani nageenya magaalaa koof waardiyyaadha’ mata duree jedhuun Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee fi dhaabbileen garaagaraa waliin ta’uun ittisa yakkaa, namuusa, tola ooltummaa, ijaarsa duudhaa nageenyaa fi dhimmoota biroorratti dargaggootaaf leenjiin laataa turuu ibsameera.
Sirna eebbaa kanarratti hoggantoonni mootummaa olaanoon argamuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.