Fana: At a Speed of Life!

Dawaaleen farra wantoota dhibee qaqqabsiisanii jarmootan akka hin madaqne of eeggannoon taasifamuu qaba jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2012 (FBC) – Dawaaleen farra wantoota dhibee qaqqabsiisanii jarmootan akka hin madaqne of eeggannoon taasifamuu qaba jedhame.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuudhan cinaatti, dawaaleen farra wantoota dhibee qaqqabsiisaniif fayyadamnu jarmootan akka wal hin madaqne of eeggannoon taasifamuu qaba jedhan ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan.
 
Guyyaan dhimmicharratti xiyyeeffatu akka biyyaatti si’a 8ffaaf kabajameera.
 
Dawaaleen farra ilbiisota/ wantoota dhibee qaqqabsiisan ofirraa ittisuuf fayyadamnu, jarmootan walbaruun yaaddoo addunyaa biraa ta’a jedhameera.
 
Kanaaf of eeggannaadhan hojiirra oolchun murteessadha jedhame.
 
Rakkoo kanaan walqabatee addunyaarratti waggaatti namoonni kumni dhibbi 7 fi kumni 50 ol lubbuu isaanii ni dhabu.
 
Biyyoonni guddinarra jiranii fi dhibee busaa, daranyoo sombaa, HIV/AIDS bal’inaan itti saaxilaman, miidhamoo akka ta’anis eerameera.
 
Dhimmichi yaaddessaa ta’uu isaarraa kan ka’e, furmaanni waaraan fudhatamuu akka qabu Dooktar Liyaan ibsaniiru.
 
Infeekshinii fi rakkoolee fayyaa birootif saaxilamuu waan malluuf, ajaja ogeeyyii fayyaa qofaan fudhatamuu qabu.
 
Abbaa Taayitaa To’annoo Nyaataa fi Dawaa Ityoophiyaatti daayreektarri nageenya oomishaa aadde Asnaaqach Alamuun jarmootan walitti walmadaquun dandeettii dhibee ofirraa ittisuu keenyas miidhuu danda’a jedhan.
 
Abbaan taayitichaa rakkinicha furuuf tarsiimoo waggaa 5 qopheessera.
 
Rakkinichi amma bara Faranjootaa 2050tti furamuu baannan lubbuu namoota miiliyoona 10 galaafachuu akka malu ibsameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.