Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsa namoomaaf kan oolu Doolaarri miiliyoonni 630 dhaabbilee tumsitoota misoomaarraa walitti qabamuu ibsame

Finfinnee, Ebla 8, 2016 (FBC) – Deeggarsa namoomaaf kan oolu Doolaarri miiliyoonni 630 dhaabbilee tumsitoota misoomaa Idil Addunyaarraa walitti qabamuu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen beeksisan.

Itiyoophiyaa, Biriitaaniyaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti sagantaan Qindeessa Dhimmoota Deeggarsa namoomaa konfiransii maallaqa walitti qabuu waloon qopheessuu Ambaasaaddar Taayyeen fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Xiyyeeffannoo Mootummaan Itiyoophiyaa jireenya lammiilee fooyyuu fi lammiilee sodaa balaaf saaxilaman deebisanii dhaabuuf qabu ilaalchisee hirmaattoota Konfiransichaaf ibsi taasiifamuu himaniiru.

Konfiransii qophaa’e kanaan Itiyoophiyaattu deeggarsa namoomaaf kan oolu Doolaarri miiliyoonni 630 dhaabbilee tumsitoota misoomaarraa walitti qabamuu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.