Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsi midhaanii meetirik tooniin kumni 17 ol naannoo Tigraayiif dhiyaateera-DhMG

Finfinnee, Sadaasa 16, 2015(FBC)- Walakkeessa baatii sadaasaa irraa eegalee deeggarsi midhaan nyaataa meetirik tooniin kumni 17 ol naannoo Tigraayiif dhiyaachuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ibse.

Dabalataanis deeggarsa garaagaraa meetirik tooniin 699 fi boba’aan liitirri kumni dhibbi 1 fi 159 raabsamuu ibsameera.

Deeggarsichi mootummaa Ityoophiyaafi dhaabbilee deeggartootaan dhiyaachuu Ityoophiyaatti Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaan dabarseen ifoomseera.

Hojiin lammiilee kaaba biyyattiitti sababa walitti bu’iinsaan miidhamaniif deeggarsa dhiyeessuu cimee itti fufuu eereera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.