Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsi namoomaa meetirik tooniin kumni 87 fi boba’aan liitirri kumni 783 naannoo Tigraayitti ergamuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 30, 2014 (FBC) – Baatii Adoolessaa bara darbeerraa eegalee deeggarsi namoomaa midhaan nyaataa meetirik tooniin kumni 87, maallaqni callaan Birrii biiliyoonni 2.1 fi boba’aan liitirri kumni dhibbi 7 fi kumni 83 gara naannoo Tigraayitti ergamuu waajjirri muummee ministiraa  beeksise.

Prees sekreetaariyaatiin waajjirchaa Billenee Siyyuma dhimmoota haala yeroorratti ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Ibsa isaaniin sababa walitti bu’iinsa yeroo darbeetiin lammiilee rakkoo keessa jiraniif deeggarsaa namoomaa dhiyeessuun cimee itti fufeera jedhaniiru.

Haaluma kanaan bara Faranjootaa 2021 baatii Adoolessaa irraa eegalee hanga caamsaa 2022tti maallaqni callaan Birriin biiliyoonnni 2.1 garaa naannoo tigraayitti ergamuu eeraniiru.

Kana malees nyaata meetirik toonii kuma 87 fi boba’aa liitira kuma dhibba 7 fi kuma 83 ergamuu ibsaniiru.

Gama biraatiin qorichoota wal’aansaa fayyaa kiiloogiraama kuma dhibba 2 fi kuma 17, meeshaalee manaa  akkasumas, deeggarsa namoomaa akaakuu  kiiloogiraama kuma dhibba 1 fi kuma 30 ergamuu himaniiru.

Daawwannaa Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Naayjeeriyaatti  taasisaaniin walqabatees, preezdaantii Mahaammad Buhaarii waliin, dhimmoota hariiroo gamlamee fi naannawaa fayyadamummaa waloo bu’uureffaterratti mari’achuu kaasaniiru.

Dabalataanis dameewwan garaagaraarratti walta’iinsa qaban cimsanii haala itti fufuu danda’anirratti xiyyeeffachuun mari’achuu eeraniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.