Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Facebook fuulawwan Gibts taa’anii Ityoophiyaarratti xiyyeeffachuun odeeffannoo tatamsaan haquu isaa beeksise

Finfinnee, Bitootessa 30, 2013 (FBC) – Dhaabbanni guddichi miidiyaa hawaasummaa Facebook fuulawwan Gibts taa’anii Ityoophiyaarratti xiyyeeffachuun odeeffannoo tatamsaasan haquu isaa beeksiseera.
Fuulawwan haqaman kunneen walumaagala hordoftoota kuma dhibba 3 ol kan qaban yoo ta’u, haga birrii Ityoophiyaa miiliyoona 21 beeksisaaf baasaa turan jedheera.
Fuulliwwan kunneen imaammata dhaabbatichaa dhimma biyya alaa keessa seenuu dhabuu cabsuun akkasumas duula qindaa’aa dhugaa hin taane keessa qooda fudhachuu isaaniin haqamuu ibseera.
Akkaawuntii Feesbuukii 17, Fuula 6 , akkaawuntii Inistaagraamii sadii Gibtsirraa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Turkii irratti xiyyeeffatan haquu beeksiiseera.
Peejiwwanii fi akkaawuntiiwwan kunneen beeksisaaf Doolaara kuma dhibba 5 fi kuma 25 baasii gochuu isaanii hime.
Dhaabbatichi akka beeksiiseetti dhaabbileen kunneen Afaan Amaaraan odeeffannoo garaagaraa dabarsaa kanneen jiran ta’uu ifoomseera.
Hordoftoota Ityoophiyaa jiraniif dhimma hidha Haaromsaarratti xiyyeeffatan irratti ergaawwan adda addaa tatamsaa akka jiranis himeeran.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.