Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Gargaarsa Idila Addunyaa Ameerikaa balaa lolaa naannoo Afaariitti muudateef deeggarsa Doolaara kuma dhibba 6 fi kuma 50 taasise

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (FBC) – Dhaabbanni Gargaarsa Idila Addunyaa Ameerikaa ‘USAID’ balaa lolaa naannoo Afaariitti muudateef deeggarsa Doolaara kuma dhibba 6 fi kuma 50 taasise.
Dhaabbatichi mootummaa naannichaa, Dhaabbata Godaantoota Idila Addunyaa ‘IOM’ fi dhaabbilee idila addunyaa deeggarsa namoomaa biroo waliin ta’uun deeggarsa hatattamaa taasiseera.
Deeggarsi kun midhaan nyaataa fi meeshaalee qulqullinaa kan hammatuudha jedhame.
Miidhaa namaa fi qabeenyarra qaqqabu hir’isuuf shoora olaanaa qabaachuu himameera.
Ejansichi balaa lolaa naannoo Oromiyaa, Kibbaa,Soomaalee fi Gaambeellaatti muudatee deeggarsa taasisuuf dhaabbilee deeggartootaa waliin hojjechaa jiraachuu ibseera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.