Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa Ityoophiyaaf liqaa fi deeggarsa Doolaara biiliyoona 2.9 raggaasise

Finfinnee, Muddee 11, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa Ityoophiyaaf liqaa fi deeggarsa Doolaara biiliyoona 2.9 raggaasise.

Boordiin Dhaabbata Maallaqa Addunyaa fooyyessa diinagdee biyya keessaa Ityoophiyaa deeggaruuf proojaktii waggaa sadiitin; liqaa fi deeggarsa Doolaara biiliyoona 2.9 raggaasiseera.

Dhaabbatichi maallaqicha kan raggaasise liqaa dhala xiqqaa fi yeroo dheeraan kaffalamu.

Maallaqichi fooyyessa diinagdee biyya keessaa tumsuu, rakkoo sharafa alaa furuu, jireenya lammiilee fooyyessuu, idaa alaa madaalchisuu fi diinagdee biyyattii tasgabbeessuuf oola.

Dabalataan qaala’iinsa gatii ittisuu, damee dhuunfaaf liqaa mijeessuu, carraa hojii uumuu fi qabeenya biyyattii sirnaan fayyadamuurratti gumaacha ni qabaata jedhameera.

Maallaqa raggaasifame keessaa Doolaarri miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 8.4 hataattamaan Ityoophiyaaf kan gadi lakkifamudha.

Daayreektara olaanaa fi eeggataan dura taa’aa dhaabbatichaa Deeviid Liiptoon maallaqni ragga’e diinagdee Ityoophiyaa jajjabeessuuf gumaacha ni qabaata jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.