Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Qonnaa fi Nyaata Addunyaa Ityoophiyaatti weerara awwaannisa ittisuuf Doolaara miiliyoona 4.5 waadaa gale

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Qonnaa fi Nyaata Addunyaa Ityoophiyaatti weerara awwaannisa ittisuuf deeggarsa Doolaara miiliyoona 4.5 laachuuf waadaa gale.
 
Mootummaan Ityoophiyaa gama isaatin weeraricha ittisuudhaf Birrii miiliyoona 30 ramadeera.
 
Weerarri awwaannisaa bahaa Afrikaa fi Ityoophiyaatti dabalaa dhufuun wabii nyaataarratti sodaa uumera.
 
Baatiiwwan lamaan darbanitti hoomaan awwaannisaa si’a tokkotti lakkoofsa miiliyoona 40 amma miiliyoona 80 ta’u, si’a sadi gara Ityoophiyaa galeera.
 
Dabaluu hoomaa awwaannisichaatin Soomaaliyaa, Jibuutii, Keeniyaa fi biyyootin baha Afrikaa biroon weeraricha to’achuuf tumsaan akka hin hojjenne gufuu ta’eera.
 
Ministir deettaan Ministeera Qonnaa FDRI obbo Saanii Raddiin Tajajaila Oduu Ityoophiyaatti akka himanitti, Waxabajjii bara darbeetii eegalee marsaa lamaan mala aadaa fi biifaa keemikaalatiin weeraricha %90 ittisuun danda’ameera jedhaniiru.
 
Naannolee tokko tokkotti konkolaataa fi xiyyaaran biifaa gaggeessun rakkisaa waan ta’eef mala aadatiin humna namaatin hojjetamaa jira jedhan.
 
Weeraricha ittisuudhafis Dhaabbanni Qonnaa fi Nyaata Addunyaa Ityoophiyaadhaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 4.5 laachuuf waadaa galeera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.