Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daayreektarri Afrikaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigiraay waliin mari’atan

Finfinnee, Eebla 8, 2013 (FBC)- Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daayreektarri Afrikaa Dooktar Maatishiidiisoo Moo’eetii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigiraay waliin mari’ataniiru.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa deeggarsa meeshaalee ittisa vaayrasii koroonaa dabalatee naannichaatti kan taasifamu deeggarsa namoomaa tumsitoota waliin hojjechaa akka jiran daayreektarichi ibsaniiru.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti bakka bu’aan Itiyoophiyaa Qindeessaan dhimmoota Namoomaa Kaatiriin Soozii fi jilli Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Maqaleetti buufata buqqaatoota daawwataniiru.
Naannichatti qaamolee tumsitoota dhaabbata mootummoota gamtoomanii deeggarsa namoomaa taasisan waliin mari’ataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.