Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi ejjennoo naannoo Tigraay ilaalchisee qabu roga gaariin jijjiireera – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Eebila 19, 2013 (FBC) – Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ejjennoo dogongoraa naannoo Tigraay ilaalchisee qabu roga gaariin jijjiiruu Ministeerri Dhimma Alaa beeksisee.
Dhaabbatichi haala qabatamaa naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa baaseen ejjennoo naannoo naannicha ilaalchisee kan dura qabu roga gaariin jijjiiruu ibsuu isaa Ministeerri Dhimma Alaa himeera.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsa torbee laataniin hojiilee gurguddoo manni hojichaa torbee kana keessa raawwate ifoomsaniiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii haala qabatamaa naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa baaseen birmadummaa fi bilisummaa Ityoophiyaa kan kabaju ta’uu fi haqa lafarra jiru kan muul’iseedha jedhan.
Hidha Haaromsaa, Filannoo marsaa 6ffaa, haala naannoo Tigraayii fi dhimmoota biyyaalessaarratti hawaasa Diyaaspooraa waliin marii bal’aan gaggeeffamuu himaniiru.
Akka EBCn gabaaseetti hojii dippiloomaasii lammiileerratti xiyyeefate hojjetameen lammiileen Ityoophiyaa 600 ol gara biyyaa deebi’uu ibsa isaaniin eeraniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.