Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi Ityoophiyaatti vaayrasii koroonaa ittisuuf tarsiimoo qopheessuu beeksise

Finfinnee, Adoolessa 7,2012(FBC)- Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Ityoophiyaatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tarsiimoo konkolaattota daangaa fi naannolee qaxxaamuranii qopheessee mootummaa waliin hojjechaa jiraachuu beeksise.

Dhaabbatichi weerara vaayrasichaa ittisuuf deeggarsa taasisaa jiraachuu beeksiseera.

Konkolaachistoonni konkolaattota daangaa fi naannolee qaxxaamuranii hawaasa vaayrasichaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’uu ifoomsera.

Wiirtuu Ityoophiyaatti dhaabbatichatti ogeessi yaala tasaa Dooktar Amaaraa Warqiyyeen akka jedhanitti, saaxilama konkolaachistootaa hir’isuuf tarsiimoon qophaa’e hojjetamaa jira.

Iddoowwan boqannaa fi sochiileen konkolaachistootaa adda baafamee hordofamaa jiraachuus beeksisaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.