Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi walitti bu’iinsa Israa’eliifi Filisxeemiif furmaanni waaraan akka laatu gaafate

Finfinnee, Hagayya 3, 2014(FBC)- Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii walitti bu’iinsa Israa’eliifi Filisxeemiif furmaannu waaraa akka laatamu gaafachuu gabaafame.

Dhaabbatichatti Qindeessaan Addaa Adeemsa Nageenyaa Baha Giddugaleessaa Toor Weenislaand, walitti bu’iinsa biyyoota lameenii dhaabuuf mariin akka taasifamu waamicha dhiyeessaniiru.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu qaamoleen lameen gidduutti guyyaa kaleessaa taasifame amansiisaa akka hin taane eeraniiru.

Guyyoottan darbanitti walitti bu’iinsi Israa’eliifi Filisxeem gidduutti naannoo Sulula Gaazaatti mudate sadarkaa yaaddessaarra gahuu Toor Weenislaand walga’ii Mana Maree Tasgabbii Baha Giddugaleessaarratti dubbataniiru.

Hoggantoonni Israa’eliifi Filisxeem hawaasa idil addunyaa waliin ta’uun gara marii hiika qabeessatti akka seenaniifi tattaaffiiwwan dippiloomaasii akka cimsan waamicha dhiyeessaniiru.

Walitti bu’iinsi qaamolee lameenii kan dhaabbatu furmaata siyaasaa yoo argate ta’uu ibsuun, walitti bu’iinsonni xumura kan argatan murtoo mootummoota lameenii bu’uureffachuun qajeeltoowwan bara 1967, murtoowwan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, seerota idil addunyaafi waliigalteewwan kanaan dura taasifamaniin ta’uu eeruu CGTN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.