Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbii biqiltuu miiliyoona 300 fi miliyoona 4 guyyaa boruuf qophiin xumuramuun ibsame

Finfinnee, Adoolessa 21, 2012 (FBC)- Dhaabbii biqiltuu miiliyoona 300 fi miliyoona 4 guyyaa tokkoon booru hojjetamuuf qophiin xumuramuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
 
Hogganaan biirichaa obbo Dhaabaa Dabaleen ibsa laataniin Oromiyaan sagantaa magariisaa bara kanaatiin biqiltuu biiliyoona 3.5 dhaabuuf karoorsuu ibsan.
 
Hanga yoonaattis biqiltuun biliyoonni 2.3 dhaabamuu ibsaniiru.
 
Sagantaa guyyaa borii; Adoolessa 22,2012tin biqltuu miliyoonni 300 fi miliyoonni 4 gandoolee Oromiyaa 6000 keessatti kan dhaabaman ta’a jedhan.
 
Biqiltuu fi boolli biqiltuun keessa dhaabbatu kan qophaa’e yoo ta’u,hojichi barii sa’atii 12:00 irraa eegalee hanga galgala sa’atii 12:00tti kan hojjetamu ta’as jedhan obbo Dhaabaa Dabaleen.
 
Naannoo Oromiyaatti bara darbe dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkootin biqiltuu miliyoonni 200 fi miliyoonni 11 dhaabamuu yaadachiisaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.