Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee Kaappitaala Birrii biiliyoona 3 ol galmeessisaaniif heyyamni oomisha albuudaa kenname

Finfinnee, Bitootessa 19, 2016 (FBC) – Dhaabbilee Kaappitaala Birrii biiliyoona 3 ol galmeessisaan 4’f heyyamni oomisha albuudaa kennamu Ministeerri Albuudaa beeksise.
Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Haabtaamuu Taganyii fi hoggantoonni dhaabbilee kanneen waliigaltee heyyamaa oomisha Albuudaa kana mallatteessaniiru.
Dhaabbileen kunneen akkaataa Albuuda Biroominii, Giraanaayitii, Dhagaa Cilee fi Warqee Timaa(Dalalii) misoomsuuf murtaa’een heeyyama kana fudhataniiru jedhame.
Eeyyama qorannoo Albuudaa fudhachuun hojii qorannoo hojjechuu fi ragaa qorannoo kana dura gaggeeffame fayyadamuun gara oomishaatti galuuf ragaalee teeknikaa fi Faayinaansii guutuun dhaabbilee dhiyaatan ta’uu eerameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.