Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen  63 adeemsa seeraan alaa sirna  galii walitti qabuu miidhuurratti bobba’anii turan to’ataman

Finfinnee, Sadaasa 24, 2014 (FBC) – Dhaabbileen  63 adeemsa seeraan alaa sirna  galii walitti qabuu miidhuurratti bobba’anii turan to’atamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.

Ministeerichi  qorannoo  baatiiwwan 4’n darban taasiseen bulchiinsa taaksii ala dhaabbiilee bittaa fi gurgurtaa sobaa gaggeessaa turanii fi karaa seeraan alaa mashina galmee taaksii fayyadamaa turan 63 to’annoo jala oolchuu ifoomseera.

Dhaabbileen seeraan alaa hordoffiin bira gahame kunniin gibira kaffaluun irraa ture dhoksuun galii walitti qabu irraatti midhaa guddaa dhaqqabsiisaniru jedhame.

kanaan wal qabatee maashinni galmee taaksii 20 ol to’atamaniiru.

Namoota dhuunfaa gocha seeraan alaa kanarraatti hirmaachuun shakkaman to’annoo jala oolchuun dhimmi isaanii seeran ilaallama jiraachuu ibsameera.

Ummaanni dhaabbilee biyyaa isaanii jalaa saaman kanniin na ilaallaata jechuun saaxiluu akka qabu Ministeerri Galii hubachiisuu ragaan Ministeericharraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.