Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Qindoomaa Siiviilii Hawaasaa yaalii mootummaa aangorraa fonqolchuuf taasiifamu mormuun Gamtaa Afrikaaf Xaalayaa barreesse

Finfinnee, Sadaasa 24, 2014 (FBC) – Dhaabbileen Qindoomaa Siiviilii Hawaasaa yaalii karaa seeraan alaan mootummaa aangorraa fonqolchuuf taasiifamu mormuun Gamtaa Afrikaaf Xaalayaa barreesseera.
Qindoomichi Xaalayaa Preezdaantii Rippaablika Diimookiraawaa Koongoo fi Dura Taa’aa yeroo Gamtaa Afrikaa Fileeksii Shiiseekeediif barreesseen gamtichi Ityoophiyaatti mootummaa seeraan filatame humnaan aangorraa buusuuf shira xaxamu akka balaalleffatu gaafachuu Qulqulleessi Ragaa Haala Yeroo ibseera.
Ityoophiyaan hundeessituu dhaabbata Tokkummaa Afrikaa duraanii fi Gamataa Afrikaa yeroo ammaa fi Teessoo Gamtichaa ta’uu Dhaabbileen Qindoomaa Siiviilii Hawaasaa xaalayaa barreesseen yaadachiiseera.
Gamtaan Afrikaa biyyoota miseensa Gamtichaa keessatti yaalii seeraan ala gara aangootti dhufuuf taasiifamu balaalleffachuu, ittisuu fi fudhachuu dhiisuu dirqama qabaachuu eereera.
Ityoophiyaan Waxabajjii 14, 2014 filannoo haqa qabeessaa fi diimookiraatawaa ta’e gaggeessuun ummanni qaama na bulcha jedhe filachuu isaa xaalayichi ibseera.
Yaa ta’uutii gareen shororkeessaa ABUT fi biyyoonni Lixaa mootummaa jijjiiruuf yaaliin taasiisan gochaa seeraan alaa ta’uu himeera.
Biyyoonni Alaa tokko tokkoo garee shororkeessaa deeggaraa jiraachuu fi mootummaa karaa seeraan filatame humnaan aangorraa kaasuuf shira xaxaa jiran Gamtaa Afrikaas ta’ee Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ibsa gochicha balaaleffata kan hin baasne ta’uu kaaseera.
Dhaabbileen Qindoomaa Siiviilii Hawaasaa waldaalee Siiviilii 300 ol kan hamate ta’uu ibsameera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa
argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.