Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasaa dambii fi qajeelfama kabajuun itti gaafatamummaan hojjechuu qabu jedhame

Finfinnee, Ebla 8, 2016 (FBC) – Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa gabaasa biyyaalessaa haasawa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa miidiyaalee hawaasummaa ifoomsera.

Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa kennan haasawa jibbiinsaa ittisuuf hojii irraa eegamu kan hin hojjenne ta’uu Abbaan Taayitichaa ibseera.

Odeeffannoon Sobaa fi Haasofni jibbiinsaa babal’achuun nageenya hawaasarratti dhiibaa uumuu himameera.

Abbootiin Amantaalee tokko tokko, Aktiivistoonni, qaamoleen siyaasaa fi rogeeyyiin miidiyaalee hawaasummaa fi qaamoleen dhuunfaa madda haasawa jibbiinsaa hangafoota ta’uu gabaasni ifoome kan mul’isu ta’uu TOI gabaaseera.

Haasofni jibbiinsaa kunneen saba, Amantaa, afaan, eenyummaa, namoota dhuunfaa, garee, namoota bebbeekkamoo, namooa siyaasaa fi aanga’ootarratti kan xiyyeeffatan ta’uu abbaan taayitichaa gabaasa isaan eerera.

Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa dambii fi qajeelfama kabajuun itti gaafatamummaan hojjechuu akka qaban Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa gaafateera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.