Fana: At a Speed of Life!

Dhalli namaa galataaf sababa dhabuu hindanda’u-Hordoftoota Amantii Adiveentistii

Finfinnee, Adoolessa 23, 2014 (FBC) – Dhalli namaa galataaf sababa dhabuu hindanda’u jechuun hordoftoonni Amantii Guyyaa 7ffaa (Adiveentistii) himan.

Manni Amantaa Adiveentistii Ityoophiyaa sagantaa galateeffannaa gaggeesseera. Saganticharratti farfannaa fi sirnoonni garaagaraa raawwatamaniiru.

Hordoftoonni amatichaas, amantaalee jiran keessatti Waaqaa wajjiin walitti dhiyaachuuf galanni bu’uura ta’uu ibsaniiru.

Barbaachisummaa galataa beekuu fi yaadni gaarii kun jajjabeeffamee dhalootaan hojiirraa ooluu qaba jedhaniru.

Biyyaaf kan hojjetan beekamtiin ni malaaf jedhanii, galanni yaadota gaggaarii babal’isuuf gumaachaa akka qabaatu ibsaniiru.

Aadaa gaarii kanas hunduu shaakaluu akka qabu akeekan.

Qaama “Ityoophiyaan haa galateeffattuu” kan ta’e sagantaan galateeffannaa manneen amantichaa hundatti gaggeeffamuu ragaan mana amantichaarraa argame ni mul’isa.

Afawarqi Iyyaayyuu fi Addisuu Mulunaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.