Fana: At a Speed of Life!

Dhaloota Hojii Jaalatu Oomishuun biyya badhaate arguuf gahee guddaa qaba – Aadde Mufaariyaat Kamiil

Finfinnee, Fulbaana 24, 2015 (FBC) – Dhaloota Hojii Jaalatu Oomishuun Carraa Hojii uummachuurra darbee biyya badhaate arguuf gahee Guddaa Qaba jedhan Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kamiil.

Aadde Mufaariyaat Pireezidaantii naannoo Harar Obbo Ordiin Badrii dabalatee Kaabinee naannichaa waliin mari’ataniiru.

Carraa hojii uumuu keessatti humna namaa fi qabeenya jiru addabaasuun murteessaa ta’uu Aadde Mufaariyaat kaasaniiruu.

Kanaan dura dargaggoota gurmeessuu malee qabeenya jiru adda baasuu fi dursa leenjii kennuurratti hanqini guddaan turuus eeraniiru.

Rakkoo kana furuuf ministeerichi riiformiiwwan adda addaa qopheessuun naannolee hunda waliin qindoominaan hojjachaa jiraachuus ibsaniiru.

Kana milkeessuuf dursa damee qonnaan akkaataa itti dargaggoonni carraa uummatan irratti leenjii kennuuf naannoo hundatti sochiin taasifamaa akka jirus himaniiruu.

Yaadota carraa hojii uumuu fi kallattii xiyyeeffannoo bara 2015 naannichi qabatee deemaa jiru kaabinee naannichaa waliin mari’ataniiru.

Turtii isaaniin iddoowwan hawwata turiziimii naannichaa carraa hojii uumuuf ooluu danda’an ni daawwatu jedhame.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.