Fana: At a Speed of Life!

Dhibeen Tiraakoomaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira-BFO

Finfinnee, Guraandhala 1 , 2015 (FBC)- Dhibeen Tiraakoomaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Lakkoofsi namoota dhibee tiraakoomaatiin qabamanii yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiraachuu biirichatti Daayirektarri Haayijiinii Eegumsa Fayyaa fi Dhibeewwan Xiyeeffannoo Barbaadanii Obbo Darajjee Addunyaa Faanaa Biroodkaastingi Koorporeetitti himaniiru.

Tiraakoomaan dhibee ijaa daddarbaa kan baakteeriyaa “Chlamydia Trachomatis” jedhamuun dhufuu fi dhibeewwan dagatamoo xiyyeeffanoo barbaadan ta’uu Obbo Darajjeen  ibsaniiru.

Dhibee tiraakoomaa ittisuuf maloota kanneen akka baqaqsanii yaaluu, raabsaa qorichaa farra Tiraakoomaa fi qulqullina naannootiin ittisuun kan danda’amuu ta’uu ibsaniiru.

Akkaa Oromiyaatti qorannoo bara 2013-2014’tti gaggeeffameen dhibeen Tiraakoomaa sadarkaa ijaa jaamsuu irra gahuu kan agarsisee ta’uu eeruun, keessatuu ijoollee umrii waggaa 1-9  jiran kan hubu ta’uu qorannichi agarsiisuu ibsaniiru.

Bara 2013-2014’tti namoota kuma 200 oliif tajaajilli wal’aansa baqaqsanii yaaluu golgee ijaa gaggeeffamuu Obbo Darajjeen kaasaniiru.

Bifuma walfakkaatuun baatiwwan jahan darbanitti namoota kuma 47 oliif tajaajilli baqaqsanii yaaluu kan taasifame ta’uus himaniiru.

Tajaajila baqaqsanii yaaluun godinaleen Jimmaa fi Harargee Lixaa sadarkaa duraarra warreen jiran ta’uu addeessaniiru.

Akka naannoo Oromiyaatti waggaa waggaan namoota miiliyoona 16 ‘f raabsi qoricha ittisaa dhibee tiraakoomaa kan gaggeeffamuu ta’uu ibsuun, bara kana sababa rakkoo nageenyaa fi hanqina qorichaatiin  namoota miiliyoona 12 qofaaf kan raabsame ta’uus eeraniiru.

Godinaalee dhibichi baay’inaan itti mul’atu kanneen akka Godina Jimmaa, Arsii Lixaa, Harargee Lixaafi Shawaa Kaabaatti hojiin hubbannoo uumuu hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

Hawaasni qulqullina fuulaa fi harka eeguuniifi mana fincaaniitti fayyadamuun dhibee tiraakoomaa ofirraa  akka ittisu dhaamaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase

#Ityoophiyaa #Ethiopia #Oromiyaa #Oromia

#OromiaHealthBureau

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.