Fana: At a Speed of Life!

Dhiibbaan Alaa Ityoophiyaan cimtuu yoo taate Afrikaanis ni cimti Sodaa jedhurraa kan maddeedha- Abbaa Duulaa Gammadaa

Finfinnee, Sadaasa 6, 2014 (FBC) – Dhiibbaan alaa Ityoophiyaarratti jabaachaa dhufe sodaa Ityoophiyaan yoo cimte Afrikaanis ni cimti kan jedhurraa kan madde ta’uu Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota duraanii obbo Abbaa Duulaa Gammadaa ibsaniiru.

Dhiibbaan alaa Ityoophiyaarratti jabaachaa dhufuun Mootummaan gama maraan birmadummaa Ityoophiyaa kan kabachiisuu, faayidaa biyyaalessaa ishee dabarsee kan hin laanne fi harka micciirraa kamiyyuu kan hin fudhanne ta’uu ibsuu isaatiin jedhan.

Ityoophiyaan birmadummaa ishee eegsisuun cimtee yoo baate Afrikaanis ni cimti yaaddoo jedhu waan qabaniif dhiibbaa qaqqabsiisuuf hojjechaa kan jiran ta’uu ibsaniiru.

Mootummoonni Ityoophiyaa darban laga Abbaayyaa misoomsuuf fedhii yoo qabaataniyyuu dandeettii waan hin qabnee fi biyyi kamiyyuu deeggarsaa fi liqii akka hin taasisnee waan godhameef bishaan keenyaan biyyoonni biroon fayyadamaa, Ityoophiyaanonni qabeenya uumamaa qabnutti fayyadamoo osoo hin ta’iin hiyyummaa fi dukkana keessa akka jiraannu taasifameera jedhaniiru.

Maddi:- DhPI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.