Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessii Zayita Nyaataa fooyyessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2014 (FBC) – Dhiyeessii Zayita Nyaataa fooyyessuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannoo beeksiise.

Oomishtoota Zayitaa biyya keessaa gara hojiitti galchuu fi Zayita alaa bituun dhiyeessuu Zayita nyaataa fooyyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ministeerichi beeksiiseera.

Dhiyeessii fooyyessuun fedhiin hawaasaa guutuuf, gabaa tasgabbeessuu fi rakkooleen muudatan furuuf oomishtoota Zayitaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mariin taasiifameera jedhame.

Oomishtoonni galteewwan dhiyaatan amanamummaan fayyadamuun hawaasaaf oomisha dhiyeessuu akka qaban Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti hidhamiinsa naannawaa obbo Gabramasqala Caalaa hubachiisuu ragaan Ministeerichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.