Fana: At a Speed of Life!

Dijitaalaan boba’aa bituu fi gurguruun eegalame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2015 (FBC)- Buufataalee boba’aatti yaaliin dijitaalaan boba’aa bituu fi gurguruu gaggeeffamuu eegaleera.

Waxabajjii 1, 2015 ammoo dijitaalaan sirni bittaa fi gurgurtaan boba’aa sadarkaa biyyaalessaatti akka eegalamu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen dubbataniiru.

Guyyaa har’aa Magaalaa Finfinneetti yaaliin dijitaalaan boba’aa bituu fi gurguruu eegalamee fuulduratti buufataalee boba’aa fi konkolaattota hundarratti hojiirra ni oola jedhan.

Bittaa fi gurgurtaan boba’aa kun dijitaalaan gaggeeffamuun qisaasa’ina qabeenyaa hir’isuu fi gabaa boba’aa saffisiisuuf kan tumsuudha jedhaniiru.

Hojmaatichi filmaata Teelee Birriin kan gaggeeffamu ta’uu eeruun to’annoon sirna kaffaltii dijitaalaa konkolaattota mootummaa fi dhuunfaa ni taasifama jedhaniiru.

yeroo dhiyoottis bittaan tikeetii geejjibaa dijitaalaan akka eegalus dubbataniiru.

Masfiin Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.