Fana: At a Speed of Life!

Dirreen Sheekanaa Huseen hambaawwan seenaa Oromiyaan qabdu keessaa isa tokko

Finfinnee, Amajjii 2, 2014 (FBC)- Dirreen Sheekanaa Huseen hambaalee hawwata Tuuristii gurguddoo Shanan Naannoon Oromiyaa UNESCOtti akka galmaa’aniif hojjechaa jiru keessa isa tokkodha.

Dirreen Sheekanaa Huseen giddugala Amantii Islaamaa fi Seenaa Uummata Oromoo kan qaroomina durii mul’isan keessaa isa tokkoodha.

Iddoon seena qabeessi kun Godina Baalee Aanaa Gololchaa, Ganda Dirree Sheek Huseen jedhamu keessaatti argama.

Magaalaa Guddittii Oromiyaa Finfinneerraa kiilo meetira 610tti argama.

Bakki seena qabeessi kun lafa gammoojjii Kaaba Baalee ilaala Gaara Abalqaasim Godina Arsii fi Harargee Lixaatti Laga Waabeetiin daangeffamuun gaarreen Dadalaa fi Qacamsareetiin olloomuun iddoo Muudaa fi wal-argaa uummata  ta’ee tajaajila.

Dirree jechuun lafa bal’oo diriirtuu jechuu yoo ta’u, Sheek Huseen nama abbaa amantii turee, naannoo sanitti baraasisaa turee fi bakkichis ulfina uummanni isaaniif qabanirraa kan moggaafameedha.

Gama birootiin, iddoon kun Giddugala Aadaa Oromoo,Qabso Oromoofi Amantaa Islaamaa ta’uun waggoota 960 ol akka tajaajilaa ture seenaan ni ibsa.

Dirree Sheek Huseen /Anaajina /ykn Birkatti waggaa keessatti yeroo lama ayyaanni muudaa Hajjii fi Zaaraa jedhamu bakka namoonni miiliyoonatti lakkaawamu biyya keessaafi biyya alaatiis kallattii adda addaarraa dhufan argamutti kabajama.

Iddoon kun kan adda isa taasisu sirnoota kamiiyyuu keessatti Afaan Oromoo olaantummaan dhimma kan itti bahamuu fi guddina Afoola Oromoo keessatti iddoo guddaa kan qabuudha.

Afoolli Baaroo jedhamu kan bakka Waaree nfi Dagaleetti faarfamu ergaa dhuka qabeessa kan ittiin dabarfataniifi kadhannaa kan ittiin raawwataniidha.

Haroon Lukkuu, Haroon Diinkuree, Dhooqqoo karraa, Jajjabaa Moowulidaa, Kaarra Milkii(Kaarra Guddoo), Masgida Zurxum, Gamoon Sheek Huseeniifi k.k.f. bakkoota seena qabeeyyii Anaajinaatti argamaniidha.

Dirreen Sheekana Huseen hambaalee hawwata tuuristii gurguddoo Shanan Naannoon Oromiyaa UNESCO-tti akka galmaa’uuf hojjechaa jiru keessa isa tokko ta’uu Ragaan Biiroo kominikeeshinii Oromiyaarra argame ni muldhisa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.