Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Adeemsi filannoo karaa nagaan xumuramu isaaf baga gammadan jedhaniiru

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2013 (FBC) – Guyyaan har’aa ummata Ityoophiyaa maraaf guyyaa addaa ta’uu Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Dooktar Abiy filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa ilaalchisee ibsa laataniiru.
Barootaaf filannoo Diimookiraatawaa gaggeessuuf hawwaa turreerra.
Har’a guyyaa ga’ee rakkoo tokko malee raawwanneera jedhan.
Diimookiraasiin biyya keenyaaf hawwii qofa osoo hin taane qaama seenaa keenyaa ta’uu ummata addunyaatti agarsiifneera jedhan ibsa isaaniin.
Boordii Bilisaa fi Walaba ta’e hundeessuun yeroo gabaabaa keessatti filannoo haqa qabeessaa fi amanamaa ta’ee gaggeessuun milkiin xumurreerra.
Filannoo qaamni kamiiyyuu moo’atus guyyaa har’aa Ummanni Ityoophiyaa sodaa tokko malee dangaa hanga daangatti filachuun Ityoophiyaan injifatteerti jechuun ibsaniiru.
Haala rakkisaa keessa dabarrus guyyaa seenaa qabeessa kanaan Ityoophiyaan injifachuu isheen baga gammaddan jedhaniiru.
Ityoophiyaan humna alaa kamiiyyuun ofirraa ittisuun birmadummaa ishee barootaaf kabachiifateerti.
Bilisummaa ishee eeguun biyya hundooftee fi jiraatteedha.
Faallaa kanaan aangoo birmadummaa ummataa kabajuu hin dandeenye.
Abbaan Aangoo ummata ta’uu mirkeessuu dadhabuu isheen rakkooleen kana hordofanii dhufan birmadummaa biyyaa irra deddeebiin balaaf saaxileera.
Sirna diimookiraasii aangoo ummata mirkaneessu ijaaruuf guyyaan har’aa carraa nuuf laatterti.
Sirna darbee duubatti dhiisuun sirna haaraa ijaarramurratti xiyyeeffachuun diimookiraasii cimaa ijaaratu murteessadha.
Hanga ammaatti sirna diimookiraasii dhaabuu fi babal’isuuf qabsoon taasiifame bu’aa qabeessa ta’ee ture.
Sirna hin barbaachifne dhabamsiisuuf qabsoo bu’aa qabeessa ta’e gaggeeffameera.
Qabsoon kun kan jalqabaa malee qabsoo firii buusuu lafa qabsiisuun hin danda’amne ture.
Diimookiraasiif qabsoofnee biqiltuu Diimookiraasii kunuunsuun fedhii hin qabnu.
Biyyi halkan tokkoon Diimookiraasii taatee bultu kan hin jraanne ta’uu beeknee ijaarsa diimookiraasiif imaluu fi barachuun qabna.
Ija kanaan Filannoon bara kanaa kallattii hedduun ijaarsa diimookiraasiif murteessaa fi tarkaanfii tokko tarkaanfachuu keenya kan agarsiisu ta’uu fi muuxxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu himaniiru.
Milkaa’ina filannoo kanaaf paartileen siyaasaa dhiibbaalee hunda dandamataniiru.
Dogongora sirreessuu fi obsuun ga’ee olaanaa taphataniiru.
Kanaafis paartileen siyaasaa galata qabu jedhan.
Rakkoon biyya keenyaa walxaxaa fi kuufamaa ta’uu isaa hubattanii, filannoon karaa rakkoo hiikan keessa isa tokko malee qofaa isaatti furmaata akka hin taane amanuun muuxxannoo diimookiraasii keenya jalqabaaf nu waliin waan dhaabbataniif seenaan isin yaadataa jiraata jedhan.
Filannoo paartiin kamuu yaa injifatu, adeemsi filannoo karaa nagaan xumuramuun mataa isaan filannoo marsaa tokkoo moo’achuu oli.
Kunis muuxxannoo Diimookiraasii tarkaanfii tokko gara fulduraatti kan tarkaanfachiisu ta’uu isaan biyya keenyaaf hiikoo olaanaa qaba.
Hoggantoonni Boordii Filannoo fi hojjetoonni boordichaa filannoo seenaa qabeessa kana gaggeessuuf itti gaafatamummaa fudhattanii rakkoo jiru dandamachuun muuxannoo kana dura hin jirreen haala loogii malee raawwachuuf imala ajaa’ibsiisa imaltaniirtu.
Filannicha amanamaa taasiisuun muuxxannoo diimookiraasii keessatti ashaaraa guddaa waan keessaniif Ityoophiyaan isin galateeffatti.
Dhaabbileen Miidiyaa, Taajjabdoonni, Waldaaleen Siiviikii fi dhaabbileen deeggartootaa filannichi bilisa, haqa qabeessa fi Diimookiraatawaa ta’ee akka xumuramuuf jalqabaa hanga dhumaatti dhamaatti taasiisuun bu’aa kana fiduu keessaniif baga gammadaa jedhaniiru.
Qaamoleen adeemsi filannoo karaa nagaa fi diimookiraatawaa ta’een akka xumuramuu kanneen ashaaraa keessan hundi sirna ijaarsa diimookiraasii Ityoophiyaa keessatti seenaa hojjettaniiru.
Dhaabbileen Idil addunyaa ce’umsi siyaasaa kun akka milkaa’uu shoora qabdan hundi Ityoophiyaan isin galateeffatti.
Qaamoleen nageenyaa erga adeemsi filannoo eegalamee kaase qormaata ture tasgabbeessuu fi nageenya kabachiisuun Ummanni karaa nagaan ba’ee akka filatu halkanii fi guyyaa dhamaatii taasiiftaniif seenaan keessatti bara baraan ni yaadatamtu.
Dhumarratti hanga bu’aan sagalee ibsamutti rakkoon tokko akka hin muudanne, tasgabbiin ture akka itti fufu qooda isaanii akka ba’an waamicha dhiyeessaniiru.
Kallattii arfaniinuu ummataa fi raawwachiiftoota filannoo fi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun filannoon eegalame karaa nagaan akka xumuramu tumsa akka taasiiftan kabaja guddaan gaafataniiru.
Naannoleen sababoota garaagaraan filannoon osoo hin gaggeeffamiin hafa gabatee yeroo Boordiin filannoo biyyaalessaa baaseen akka raawwatu hirmaannaan qaamolee hundaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Milkiin kunis isa sanaaf abdii guddaa ta’uu himaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.