Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abrahaam Balaay hiriira deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifameef galateeffatan

Finfinnee, Caamsaa 20, 2015(FBC)- Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay hiriira deeggarsa guutuu biyyattiitti Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifameef galateeffataniiru.

Dooktar Abrahaam Balaay ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, hiriirri deeggarsaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifame kutaalee biyyattii hafanittis cimee kan itti fufuufi tattaaffiiwwan nageenyaafi tasgabbii biyyaalessaa babal’isuu fudhatamummaa uummataa argachuun isaan amumarraa kan mul’isu ta’uu ibsaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa biyyiifi uummanni nagaan akka jiraataniif halkaniifi guyyaa kan hojjetu, birmadummaan biyyaafi nageenyi lammiilee akka mirkanaa’uuf lubbuu isaa kennaa kan jiru ta’uu eeraniiru.

Sochii qaamolee badii alaafi keessaa maqaa Raayyaa Ittisa Biyyaa balleessuufi biyya gara jeequmsaatti oofuuf taasisan uummata waliin ta’uun fashaleessaa badhaadhina Ityoophiyaa ni dhugoomsina jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.