Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Teedroos Adihaanoom aangoo isaanii fayyadamuun kaayyoo ABUT raawwachiisuu akka dhaaban gaafataman

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Daayrektarri Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teedroos Adihaanoom aangoo isaanii fayyadamuun kaayyoo ABUT raawwachiisuu akka dhaaban gaafataman.

Dhaabbileen 9 xalayaa waloon Dooktar Teedroosiif barreessaniin, aangoo isaanii fayyadamuun kaayyoo ABUT raawwachiisuu akka dhaaban gaafataniiru.

Dhaabbileen Dooktar Teedroosiif xalayaa kana barreessan Waldaa Yaala Fayyaa Ityoophiyaa, Waldaa Eugumsa Fayyaa Ityoophiyaa, Koree Dhimma Hawaasa Ityoophiyaa Ameerikaa, Ethiopian Diaspora High Level Advisory Council of Covid-19, Ethiopian Scholars in Nordic Countries, Waldaa Yaala Fayyaa Afrikaa Kibbaa, Waldaa Yaala Fayyaa Leeseettoo fi People to People ta’uu eerameera.

Walitti bu’iinsa kaaba Ityoophiyaa irratti Dooktar Teedroos adeemsa madaalawaa hin taanee fi fedhii siyaasaa qabu hordofuu ibsuun, hasawaa fi gochaa isaaniitiin hawaasni idil addunyaa Ityoophiyaarratti hubannoo dogoggoraa akka qabaatu taasisuu dhaabbileen kunneen ibsaniiru.

Dooktar Teedroos ibsawwan laataniin, barreeffamoota barreessaniin, ergaawwan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, miidhaa gareen shororkeessaa ABUT naannolee Amaaraa fi Afaar irraan ga’erratti callisuu filachuu isaanii dhaabbileen kunneen eeraniiru.

Dooktar Teedroos itti gaafatamummaa fayyaa uummata addunyaa akka eeganiif itti laatame kaayyoo ABUT raawwachiisuuf itti gargaaramaa jiraachuu fi gocha isaanii kanarraa of qusachuu akka qaban dhaabbileen kunneen yaadachiisaniiiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.